Fana: At a Speed of Life!

Kiristaanoo Roonaaldoon galchii liigii Saa’udii fooyyesse

Finfinnee, Caamsaa 20, 2016 (FBC) – Kiristaanoo Roonaaldoon bara kana Liigii Sawudii Piroo keessatti galchii 35 lakkoofsisuun rikkardii haaraa galmeesseera.

Roonaaldoon taphoota 31 taphatee galchiiwwan 35 galchuun kubbaa galchii ta’an 11 mijeessee kennuun liigicha keessatti seenaa haaraa hojjeteera.

Rikkardii taphataan Abderrazak Hamdallaa bara dorgommii 2018-19 galchii 34 lakkoofsisuun rikardii qabate fooyyeesseera.

‘Ani Rikkardii hin hordofu, Rikkardiitu na hordofa’ jedhe fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Taphataan lammii Morookoo rikardii kana qabatee tures kilabuma AL-Naasir kanaaf taphataa ture.

Roonaaldoon erga Al-Naasir galee taphoota 69 irratti galchii 64 lakkoofsisuu BBCn gabaaseera.

Waliigalaan Roonaaldoon Ispoortiingi Liisban, Maanchister Yuunaayitiid, Riyaal Maadridii fi Juuvantus dabalatee waggoota 22 darban keessatti galchii 765 lakkoofsiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.