Kiristaanoo Ronaaldoon kilabii kubbaa miilaa Saa’ud Arabiyaa Al-Naasiritti makame
Finfinnee, Mudde 22, 2015(FBC)- Taphataan sarara fuulduraa Poorchugaal Kiristaanoo Ronaaldoon kilabii kubbaa miilaa Saa’ud Arabiyaa Al-Naasiritti makame.
Kiristaanoo Ronaaldoon kilabii kubba miilaa Maanchistaar Yuunayitid irraa erga adda ba’ee booda gara kilabii kubbaa miilaa Saa’ud Arabiyaa Al-Naasiritti makamuuf waligaluun isa ni yadatama.
Kiristaanoo Roonaaldoon kilabii kubbaa miilaa Al-Naasir waliin Paawondii miiliyoona 175n waligaltee waggaa lamaa mallatteesseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.