Fana: At a Speed of Life!

Kinshaasaatti Rooba cimaa Roobeen lubbuun namoota 120 olii darbe

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC) – Magaalaa Guddittii Riipaablika Diimookiraatawaa Koongoo Kinshaasaatti Rooba cimaa Roobeen lubbuun namoota 120 olii darbuu ibsameera.

Rooba cimaa Roobe hordofee sigiga lafaa muudateen lubbuun namoota 120 darbuu fi namoonni hedduun madaa’uu eerameera.

Balichaan gandoonni magaalichaa 24 miidhamuu ibsameera.

Manneen jireenyaa, daandiwwan dabalatee qabeenyi hedduun barbadaa’uu eerameera.

Yaa’ii Hoggantoota Afrikaa – Ameerikaarratti hirmaachaa kan jiran Pireezidaantiin biyyattii Feeliiksii Sheesiikiidiin miidhaa qaqqabeef gadda isaanii ibsaniiru.

Maddi:-Reuters

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.