Fana: At a Speed of Life!

Kilabni Magaalaa Walqixxee Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa keessaa haqame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2017 (FBC) – Kilabni Kubbaa Miilaa Magaalaa Walqixxee Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa keessaa haqamuu Piriimeer liigichi beeksiseera.
Kilabichi ulaagaa dirqisiisoo eeyyama hirmaannaa bara 2017 guutuu dhabuu isaan Piriimeer Liigicha keessaa haqamuu ibsameera.
Yeroo kennamee keessatti taphattoota biyya keessaa fi alaaf kuufama mindaa kaffalee xumuruu isaa sanada agarsiisu dhiyeessuu dhabuu isaan jijjiirraa taphattootaa osoo hin raawwatin dorgommiin bara 2017 eegalamuu Piriimeer liigichi ibsa baaseen ibseera.
Fulbaana 8 daangaan yeroo erga goolabamee boodas adabbii mallaqaan ulaagaa barbaadamu guutuu hin dandeenyee jedheera.
Kana horfofee akkaataa bu’uura qajeelfama namuusaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa Kutaa 3ffaa keeyyata 69 keeyyaata xiqqaa 3 lakkoofsa 14’n kilabichi Piriimeer liigii Itiyoophiyaa keessaa haqamuu himameera.
Kilabni Kubbaa Magaalaa Walqixxee taphootaa Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2017 torbee 1ffaa fi 2ffaarratti osoo hin hirmaatin hafuun kan yaadatamuudha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.