Kilabni Kubbaa Miilaa dubartoota Baankii Daldalaa Ityoophiyaa Shaampiyoonsi Liigii Seekaafaa xumuraaf darbe
Finfinnee, Qaammee 1, 2013 (FBC) – Shaampiyoonsi Liigii Biyyoota Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaa qopheessummaa Keeniyaan Naayiroobitti gaggeeffamaa jiruun Kilabni Kubbaa Miilaa dubartoota Baankii Daldalaa Ityoophiyaaxumuraaf darbeera.
Kilabichi har’a waaree booda gita isaa Ugaandaa Leedii Deeviis waliin goolii tokko qixa ba’uun tapha xumuraaf darbuu mirkaneeffateera.
Sa’aatii idileen goolii tokko qixa xumuramuun rukkattaa adda bahiinsaan Kilabni Kubbaa Miilaa Baankii Daldala Ityoophiyaa Leedii Deevis 5 fi 3 injifateera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.