Fana: At a Speed of Life!

Kilabni Atileetiksii magaalaa Shaggar atileetootaaf gaggeessaa taasise

Finfinnee, Adoolessa 20, 2016 (FBC) – Kilabni atileetiksii magaalaa Shaggar atileetoota Itiyoophiyaa bakka bu’uun Olompikii Paarisirratti hirmaataniif sirna gaggeessaa taasiseera.

Sirna gaggeessaa kanarratti kan argaman itti gaafatamaan waajjira dargaggoofi ispoortii magaalaa Shaggar Obbo Naasir Huseen kilabni magaalaa shaggar yeroo dhiyoo hundaa’e keessatti atileetoota biyyaaf bu’aa buusan horachuu himaniiru.

Kilabichi Olompikii Paarisiif atileetoota 6fi leenjisaa 3 filachiiseera.

Kantiibaa Ittaanaan magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo magaalaa Shaggar giddu gala Turiziimii taasisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Atileetoota biyya bakka bu’anii Olompikii Paariisirraatti hirmaataniifis carraa gaarii hawwaaniiru.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.