Kilaasterri Horataalee mootummaa raawwii hojii kurmaana 3ffaa qorataa jira
Finfinnee, Eebla 4, 2015 (FBC) – Kilaasterri Horataalee Mootummaa naannoo Oromiyaa raawwii hojii kurmanaa 3ffaa Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti qorachaa jira.
Qorannichan ciminaa fi hanqina raawwii hojii sekteraalee xiinxaluun, kallattiin xiyyeeffannoo fuul-duraa sekteraaleef kan kennamu ta’uun ibsameera.
Waltajjicharratti Itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi Hoggantoonni Olaanoon Mootummaan naannichaa biroon argamuu OBN gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.