Fana: At a Speed of Life!

Kilaarans Seedoorif Waancaa Liigii Shaampiyoonaa Awurooppaa waliin Finfinnee ni seenu

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC)- Taphataan sarara gidduu garee kubbaa miilaa biyyoolessaa Neezarlaand duraanii Kilaarans Seedoorif waancaa Shaampiyoonaa Awurooppaa waliin boruu Finfinnee ni seenuu jedhameera.

Waancaan Liigii Shaampiyoonaa Awurooppaa kun boru Hootela Sharaatan Addisiitti guyyaa sa’aatii 7 irraa eegalee daawwattootan ni daawwatama jedhameera.

Kilaarans Seedoorif guyyaa boru waanchichaa waliin hootelichatti ni argamu jedhameera.

Seedoorif yeroo taphataa tureetti kilaboota Awurooppaa Riyaalmaadiriid, AC Miilaanii fi  Ayaaks waliin waancaa abbaa gurra guddaa yeroo afur injifateera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.