Fana: At a Speed of Life!

Kibbatti lafa jallisiidhan misoomuu danda’u keessaa hojiirra kan oole %9 qofa

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Naannoo Kibbaatti lafa jallisiidhan misoomuu danda’u heektaara miiliyoona 1 fi kuma 75 keessaa kan misoome %9 qofa ta’uu qorannaan ifoomse.

Lafichi lageen yaa’aniin kan misoomu yoo ta’u, bishaan argannaan heektaarri miiliyoonni 8 dabalataan misoomuu ni danda’a.

Qorannaa kana kan gaggeesse Yuunvarsiitii Hawaasaa fi Biiroo Bishaan, Jallisii fi Inarjii naannichaati.

Qorannaa kanarratti hayyoonni damichaa 32 ta’an kan hirmaatan yoo ta’u, waggoottan lamaan darbaniif adeemsifamaa tureera.

Haaluma kanaan lafa jallisiif ta’u qofa osoo hin ta’in, qabeenyi bishaaniis sirnaan hojiirra akka hin oolin eerameera.

Bishaan lafa jalaa fi gubbaa kiyuubiik meetirri biiliyoonni 47 akka jiruu fi kanas misoomsuun akka barbaachisu ibsameera.

Naannichatti lammiileen miiliyoonni 1.8 deeggarsa kan barbaadan ta’uun qorannichaan ibsameera.

Qorannichi Baaroo – Akooboo, Gannaalee – Daawwaa, Oomoo- Gibee fi yaa’ota sulula qinxaamaa afurirratti xiyyeeffachuun gaggeeffame.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.