Fana: At a Speed of Life!

Kibbaa godina Guraagee aanaa Innamoorii fi Innaritti busaa keelloon mudate

Finfinnee, Eebila 19, 2012 (FBC) – Naannoo Kibbaa godina Guraagee aanaa Innamoorii fi Innaritti busaan keelloon mudate.

Mallattoon dhibichaa baatii Gurraandhalaa dhumarra muul’achuusaa fi gabaasni godhamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa, Biiroon Fayyaa Naannoo Kibbaa fi Waajjira Fayyaa godinichaa dhibicha ittisuuf hojjechaa turaniiru jedhan ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan.

Dhuma baatii Bitootessaatti ammoo namni dhibichaan qabame inni dhumaa gabaafameet ture.

Yeroo ammaatti dhibichi to’annoo jala kan oole yoo ta’u, namoonni 86 dhibichaan qabamanii, 4 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.