Fana: At a Speed of Life!

Kibba Lixa Ityoophiyaatti sosochiin fooyya’iinsa manneen barnoota eegale

Finfinnee, Adoolessa 1, 2015 (FBC)- Naannoo Ummatootaa Kibba-Lixa Ityoophiyaatti sosochiin bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa fooyyessu Godina Shakkaa Magaalaa Teeppiitti eegalchiifameera.

Waltajji Sosochi hawaasaa eegalchiisuu gaggeeffamerratti, Ittaanaan Pireezidaantii Naannichaa Dooktar Injiinar Nagaash Wageeshoon damee misooma barnootaan cabiinsi hedduun jiraachuu eeruun, kana hambisuuf kutannoon, qindoominaan hojjechuun nurra eegama jedhaniiru.

Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen gama isaaniin qabeenyaalee qabnu gara bu’aatti jijjiiruuf humni namaa qaroome jiraachuun murteessaadha jedhaniiru.

Kana dhugoomsuufis rakkoolee bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa hambisuuf hawaasni mootummaa waliin ta’uun hojjechuu qaba jedhaniiru.

Waamichaa akka biyyatti guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuuf dhiyaateerratti dammaqinaan akka hirmaatan gaafachuu miidiyaan naannicha gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.