Fana: At a Speed of Life!

Kibba Itiyoophiyaa daawwachuun gammachuudha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 28, 2017 (FMC) – Kibba Itiyoophiyaa daawwachuu fi guddina magaalota akka Aarbaa Minci yeroo hunda ilaaluun gammachuu ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dhimmi Nyaata madaalawaa dhiyeessuun akka biyyaattis ta’ee magaalotaa fi naannawaa baadiyyaatti qormaata ta’ee kan itti fufe ta’uu eeraniiru.

Naannawaa baadiyyaatti hojiin Muuzii Kilaasteraan misoomsuu eegalamuu daawwannaa har’a taasiifneen ilaallerra jedhan.

Tattaaffii kana kan deeggaru hojiin sagantaa maaddii Guutuun mana Qonnaan bulaatti oomisha Qurxummii, horsiisa loonii fi Kanniisaa guddachaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojiileen kunneen jiraattonni magaalaa fi Baadiyyaa maaddii guutuu akka qoodatan taasisuu himaniiru.

Keessattuu qonni Kilaastera Aarbaa Minci abdii olaanaa ta’uu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.