Fana: At a Speed of Life!

Kessummonni Feestivaalaa Shanan Afrikaarratti hirmaatan Finfinnee galan

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC) –Kessummonni Feestivaalaa Shanan Afrikaarratti hirmaatan Finfinnee galaniiru.

Torbeen Feestivaalaa Shanan Afrikaa boru irra eegalee hanga waxabajjii 23 ,2016tti Magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamuu ta’uun ibsameera.

Feestivaalichaan Taphattoonni kubbaa Miilaa Biyyoota Alaa, Taatonni, rogeeyyiin miidiyaa hawaasummaa, Dizaayinaroonni, Ogeeyyiin Teeknooloojjii, Abbootiin Qabeenyaa, Dippiloomaatoonni fi namoonni ogeeyyii dameelee garaagaraa ni hirmaatu jedhameera.

Kessummoota biyyoota Afrikaa garaagaraarra dhufaniif Ministirri Ministeera Turizimii Ambaasaaddaar Naasiisee Caalii fi Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Naafisaa Almahaadii simannaa taasisuufi ragaan Ministeera Aadaa fi Ispoortiirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.