Fana: At a Speed of Life!

Kenninsi tajaajila mootummaa Elektirooniksiin akka kennamuu gochuuf hojjatamaa jiraachuu Ministeerri Innooveeshiinii fi Teeknooloojii beeksise

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Kenninsi tajaajila mootummaa Elektirooniksiin akka kennamuu gochuuf hojjatamaa jiraachuu Ministeerri Innooveeshiinii fi Teeknooloojii beeksise.

Hojjattoonni mootummaa hojimaatasaa baruun kenninsa tajaajila elektirooniksiin deeggarame akka kennaniif leenjiin Ijaarsa dandeetti dijitaalayizeeshiinii bu’uuraa kennamuu jalqabeera.

Ministeerri Innooveeshiiniifi Teeknooloojjii leenjiicha kennaa kan jiru dhaabbata leenjii Dijitaalaa fi dhiyeessii ijaarsa dandeetti EDACY jedhamu waliin ta’uudhani.

Ministirri Deettaan Ministeera Innooveeshiiniifi Teeknooloojjii Dooktar Ahimad Mahaammad gaaffii bulchinsa gaarii lammiilee deebisuuf tajaajjilli Elektirooniksii mootummaa gahee olaanaa qabas jedhan.

Hundeessaa fi Preezdantiin Dhaabbata EDACY Tiimtoopee Oolaa leenjichi, hojjattoonni adeemsa hojii mana hojiisanii,kenninsa tajaajilaafi hojmaata, beekkumsa Dijitaalaayizii ittiin gochuu danda’an akka argatan taasisas jedhan.

Leenjii marsa duraa kallattiin (on line) kennamuu irratti hojjattoonni mootummaa 250 kan leenji’an ta’uu odeeffannoon Ministeera Innooveeshiiniifi Teeknooloojjii irraa arganne ni mul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.