Fana: At a Speed of Life!

Kenniinsi qormaataa biyyaalessaa kutaa 12ffaa jijjiirama barnotarratti dhufaa jiruuf argisistuudha-TKM

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC)- Kenniinsi qormaataa biyyaalessaa kutaa 12ffaa jijjiirama barnotarratti dhufaa jiruuf argisistuu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajilichi adeemsa kenniinsa qormaataa kutaa 12ffaa ilaalchisuun ibsa baaseen, Ityoophiyaan erga imala jijjiiraamaa eegaltee tarkaanfiiwwan riifoormii imaammataa fi dhaabbatummaa fudhachaa jiraachuu yaadachiisuun, rifoormiin damee barnootaa tokko ta’uu ibseera.

Tarkaanfiiwwan riifoormii damechaarratti fudhataman keessaa fooyyessii sirna madaallii kan eeramuu ta’uu fi kana milkeessuuf qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 qophii olaanaa fi qondoomina dhaabbatummaan kennamaa jira jedheera.

Qormaanni kennamaa jiru duraan hojmaata badaa, hannaa fi waliin dhahuuf saaxilaamaa ture hambisuun barattoonni walqixa akka madaalaman carraa uumuu ibseera.

Haaluma kanaan, adeemsi kenniinsa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 hojmaata badaa fi hannarraa walaba akka ta’uuf, mootummaan baajata biiliyoonatti lakkaa’amu ramaduun, barattootaa fi barsiisota qormaata kennan, akkasumas qindeessitoota miiliyoonatti lakkaa’aman ramaduun, giddugalootaa qormaataa 160tti rakkoo nageenyaa tokko malee akka kennamu taasisuu eereera.

Kutannoo qulqullina barnootaa mirkaneessuuf jirus kan argisiisee ta’uu ibsuun, raawwii hanga ammaatiin marsaa jalqabaan kenniinsi qormaataa, rakkoolee muraasarraan kan hafe milkaa’inaan gaggeeffamuu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.