Fana: At a Speed of Life!

Kenniinsa tajaajila fayyaa Hospitaalootaa fooyyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) –Keenniinsa tajaajila fayyaa Hospitaalootaa fooyyeessuuf hojjetamaa jiraachuu Ittaanaan Hoogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Guushaa Balakkoo ibsan.

Keenniinsa tajaajila fayyaa hospitaalootaa fooyyeessuun ummanni tajaajila si’ataa akka argatu taasisuuf utubaalee keenniinsa tajaajila fayyaa jiran irratti hundaa’un hojjetamaa jiraachuu ibsuun hanga ammaattis bu’aan argame jajjabeessaa ta’uu himaniiru.

Tajaajila keennamu fooyyeessuf hooggansi sadarkaan jiru gahee olaanaa qabaachuu fi  gahee isaa qixa barbaadamuun akka bahuuf sirni itti gaafatamummaa hojiirra akka oolu taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan bara kana hospitaaloota 32 adda duree taasisuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiruu fi hanga ammaattis hospitaaloonni 22 tajaajila keennaniin adda duree ta’uu isaanii dubbataniiru.

Tajaajila keennamu fooyyeessuf humni namaa murteessaa ta’uu fi  caasaaleen seektarichaa sadarkaan jiru %52 ture bara kana gara %56tti guddisuun danda’amuu fi ammallee caasaa jiru guutuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Keenniinsa tajaajilaa Hospitaalootaa fooyyeessuf dhiyeessiin qorichaa dhimma murteessaa ta’uu isaatin wal qabatee ummanni qoricha barbaadu dhiyeenyaan akka argatuuf mana qorichaa moodeela hawaasaa 2 ture gara 56tti guddisuun ummanni qoricha barbaadu dhiyeenyaan akka argatu taasisfamuu ibsaniiru.

Muuxannoon gama kanaan argamees bu’aa qabeessaa ta’uu fayyadamtoonni ragaa nahaa jiraachuu dubbataniiru.

Ummanni tajaajila lammummaatin seektara fayyaa akka deeggaruu fi tajaajilli keennamu akka fooyya’u taasisuuf sosochii taasifameen hospitaaloota babal’isuu irraa kaasee hanga keellaa fayyaa dhaloota 2ffaa ijaarutti ummanni gahee isaa bahaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiin gama kanaan eegalamees cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Ragaa gama seektara fayyaa sadarkaan jiru dijitaalaayizid gochuun tajaajila fayyaa si’ataa fi qulqullina qabu ummataaf keennuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Bu’uraalee misoomaa Hospitaalootaa foyyeessuun tajaajilli keennamu akka fooyya’uuf  hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.