Fana: At a Speed of Life!

Kenniinsa Qormaataa Kutaa 6ffaafi 8ffaa irratti mariin hubannoo cimsuu gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Qormaata sadarkaa naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa Caamsaa 29, 2016 eegalee kennamu ilaachisee mariin hubannoo cimsuu magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.
Maricharrati Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon hasaawa taasisaniin, qormaata kennuun hammattuu qulqullina barnootaa keessa tokko ta’u eeruun, karaa ifaa fi bilisa ta’een, qormaata qulqulluu fi iccitiin isaa eegame kennuuf hubannoo waliif uumuun barbaachisaadha jedhan.
Qormaata kennuuf qophiin barbachisuu taasifamuu ibsuun, hawaasni deeggarsa barbaachisaa akka taasisu waamicha dhiyyeessaniiru.
Naannichatti qormaatni xumura sadarkaa 1ffaa fi Giddugaleessaa manneen barnoota kuma 21 fi 74 keessatti barattoonni miiliyoona 1.4 kan qooraman ta’uun ibsamuu ragaan BBOirra argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.