Fana: At a Speed of Life!

Keeppiverdeen tapha mo’ataanii darbuuf darbite

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)- Tapha Waancaa Afrikaa 34ffaan Keeppiverdeen biyya jalqabaa tapha mo’atanii darbuuf darbite taate.

Tapha har’a gaggeeffameen Keeppiverdeen 3 fi 0’n Moozaambikiin injifatteetti.

Keepiverdeen ramaddii ishee qabxii 6’n dursuun, tapha har’a gaggeessiteen gara tapha mo’atanii darbuutti ce’uu yoo mirkaneeffattu, Ijibti qabxii 2’n gabatee ramaddichaa jalaa sadarkaa 2ffaarratti argamti.

Akkasumas Gaanaa fi Moozaambiik walduraa duubaan sadarkaa 3ffaa fi 4ffaarratti argamu.

Ramaddi kanaan Wiixata dhufu Moozambiik Gaanaa waliin, Keeppiverdeen Ijibti waliin kan taphatan ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.