Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan tumsa yeroo mara Ityoophiyaaf qabdu kan hin jijjiirramneedha-Jeneraal Baadii

Finfinnee, Muddee 7, 2014 (FBC)- Naayirooniitti Daayreektarri tajaajilaa Meetiroopaalitaan Jeneraal Leetinaal Mahaammad Abdallaa Baadii hariiroon Keeniyaa fi Ityoophiyaa gidduu jiru mootummaan jijjiirramuun kan hin jijjiiramneedha jechuun ibsaniiru.

Jeneraal Baadiin Keeniyaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Mallasa Alam waajjira isaaniitti simachuun hariiroon tumsa biyyoota lamaanii fi tokkummaa ummattootaa abbootii keenya duraarra kan dhaallee malee nutii kan uumnee miti jedhaniiru.

Keeniyaan tumsa yeroo mara Ityoophiyaaf qabdu kan hin jijjiirramneedhas jechuun himaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa hedduun Magaalaa Naayiroobii akka jiraataan himuuniiru.

Magaalaan Naayiroobii magaalaa Finfinnee waliin hariiroo uumuu akka barbaadduus ibsaniiru.

Paarkii haaraa magaalaa Naayiroobiitti ijaaramuu ilaalachisee Paarkii Inxooxxoo fi Tokkummarraa muuxannoo fudhachuu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Mallas Alam haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti ibsa kan laataan yoo ta’u, nageenyi Ityoophiyaa akka mirkanaa’uuf preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattan deeggarsa taasisaniif akkasumas lammiileen Keeniyaa tumsa taasisaniif galateeffachuun ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Keeniyaattii argamuurra argame ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.