Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan Mana Maree Nageenyaatti Afrikaa akka bakka buutu filatamte

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Keeniyaan Mana Maree Nageenyaatti Afrikaa akka bakka buutu filatamte.
 
Keeniyaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti miseensa jijjiirramaadhan Afrikaa akka bakka buutu sagalee caalmadhaan filatamteetti.
 
Keeniyaan, Afrikaa Kibbaa bakka bu’uun miseensa jijjiirramaa ta’uuf Jibuutii waliin dorgomteet turte.
 
Haaluma kanaan Keeniyaan sagalee caalmaa 129, Jibuutiin ammoo 62 argatteetti.
 
Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaan filatamuu biyya isaanii ilaalchisuun gammachuu ibsataniin, maqaan biyyattii fi fudhatama ishee michootashee biratti cimaa dhufuu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Maddi; BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.