Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaa bulchiinsa Marsabeetitti hongee hamaan muudachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC) – Kaaba Keeniyaa bulchiinsa Marsabeetti hongee hamaa muudachuun jiraattoonni beelaaf saaxilamu ibsameera.

Dhaabbanni hongee biyyaleessa to’atu (NDMA) haalii hongee sadarkaa sodaachisaarra gahuun namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 29 fi 893 deeggarsa kan barbaadan ta’uu himeera.

Namoonni kumni 68 fi 983 ammoo deeggarsa namoomaa ariifachiisaa barbaadu jedheera.

Mootummaan lubbuu namoota baraaruuf yaalii taasisaa jiraachuu ibseera.

Barana waggoota 40 keessatti hongeen hamaadha jedhame biyyoota Gaanfa Afrikaa hubeera.

Somaaliyaatti baatii Muddee keessa beelli akka mudatu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii akeekkachiseera.

Kawuntii Marsabeetitti daarektara dhaabbata hongee to’atuu Parkooloo Musxaafaa maatiin nyaata madaalamaa dhabuun dhukkubaaf saaxilamaa jiraachuu himaniiru.

Warri ammatti haala sodaachisaa keessa jiran, daa’imman umurii waggaa 5 gadii fi dubartoota ulfa jedhan.

Erga bara 2020 roobni waqtii afur walitti aansuun dhabamuu hordofee naannoleen horsiisee bulaa baay’ee miidhamaniiru jedhame.

Maddi:- BBC

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.