Fana: At a Speed of Life!

Keemikaalli farra aramaa liitirii kuma 4 ol seeraan alaan daddabarfama ture to’atame

Finfinnee, Hagayya 13, 2015 (FBC)- Bulchinsa Magaalaa Asallaatti keemikaali farraa aramaa gosa garagaraa 11 fi liitirii kuma 4 fi 270 ol seeraan ala daddabarfamaa ture to’atame.

Keemikaalli farra aramaa kun nagahee sobaatiin daddabarfama turuu fi Bulchinsaa Magaalaa Asallaatti to’annoo jala oolfamuu Qajeelcha Poolisii Aanaa 2ffaatti Ajajaan Poolisii Koomaandar Jeelaan Narsoo himaniiru.

Magaalichatti galteewwan qonnaa xaa’oo fi keemikaalli seeraan ala daddabarfama turan to’atamaa turuu yaadchiisanii, fuuldurattis caalaatti hojiin gochaalee seeraan alaa to’achuu cimee akka itti fufu himaniiru.

Miidhaksa Qachaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.