Fana: At a Speed of Life!

Ka’umsi keenya misooma galmi keenya Badhaadhina  – MM Dr. Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa deeggarsa argateef galata galche.

Sagantaa galii walitti qabuu paartiin Badhaadhina galma barkumeetti gaggeesse kanaarratti preezdaantii Paartii Badhaadhinaa fi  Muummeen Ministira Dooktar AbiyAhimad dabalatee qondaaltoonni olaanoon mootummaa Federaalaa, Naannoolee, dhaabbileen adda addaa fi abbootiin qabeenya argamaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa sagantaa galii walitti qabuu marsaa jalqabaa gaggeeffame milka’aa ta’uu ibsuun, qaamota gahee bahatan miseensotaa fi abbootii qabeenyaa tumsa taasisaniif galata galcheera.

Koreen galii sassaabuu sagantichaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, Paartichi Birrii biiliyoona takko sassaabuuf karoorfatus, karoora qabamee ol Birriin biiliyoona 1.5 sassaabbameera jedhan.

Sagantaa galii walitti qabuu marsaa dura kanaan birrii Biiliyoona 1.5 sassaabamee keessaa birriin biiliyoona 1.3 ta’u maallaqaan ta’un sagantaa kana adda isaa taasisaa jedhame.

Deemsa galii sassaaburratti abbootiin qabeenyaa, Qonnaa fi horsiisee bultootni, hojjettootni mootummaa hirmaachuu ibsuun, Badhaadhinni hunda kan haammate fi imalli isaas falaasama ida’amuurraa gara Badhaadhinaatti ta’uu eeraniiru.

Galii sassaabame keessayis Birrii miiliyoona 100 vaayrasi Koroonaa ittisuuf lammilee wantoota qulqullina ittiin eeggatan bitachuu hin dandeenyeef akka oolu murteessuu kan ibse korichi gara fuula duraattis paartichi dhibee kana ittisuuf ummata cinaa kan dhaabbatu ta’uu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.