Fana: At a Speed of Life!

Ka’umsa komii fi farra guddina biyyaa Malaammaltummaarratti waloon qabsaa’uu barbaachisa-Obbo Tasfaayee Dhaabaa

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)- Ka’umsa komii fi farra guddina biyyaa kan ta’e hojmaata badaa fi malaammaltummaarratti waloon qabsaa’uu akka barbaachisuu Ministir Deetaan Dhimmoota Kaabinee Waajjira Ministira Muummee Obbo Tasfaayee Dhaabaa ibsan.

Qabsoo farra malaammaltummaaf koreen biyyaalessaa hundeeffamee hojjechaa jiraachuu beeksisan.

Guyyaa farra malaammaltummaa 20ffaa ilaalchisuun mata duree “Diina waloo keenya malaammaltummaarratti gamtaan haa qabsoofnu” jedhuun waltajjiin marii dhaabbilee waamamtoota Waajjira Ministira Muummee gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Obbo Tasfaayee Dhaabaan, imala badhaadhinaa fi guddinaa Itiyoophiyaa irratti malaammaltummaan gufuu ta’aa jiraachuu eeraniiru.

Hojmaatni badaa fi malaammaltummaan ka’umsa komii lammiilee fi farra guddinaa waan ta’eef, gochicharratti waloon qabsaa’uu barbaachisa jedhaniiru.

Koomishiniin Farraa Malaammaltummaa, malaammaltummaa fi hojmaata badaa ittisuuf tattaaffii taasisaa jirutti dabalataan tumsi lammiilee barbaachisaa ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Qabsoo farra malaammaltummaan mootummaan koree biyyaalessaa hundeessuun hojjechaa jiraachuu eeranii, fuuldurattis hojiileen kunneen cimanii kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

Koomishinarri Ittaanaa Koomishinii Farra Malaammaltummaa Federaalaa Isheetuu Asaffaan, Itiyoophiyaatti yakki malaammaltummaa guddina biyyaaf qormaataa ta’uu eeranii hojiin ittisa isaas bifa qindaa’een gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiilee bu’aa qabeessaa koreen farra malaammaltummaa gaggeesseen Birrii biiliyoona 9 fi lafa karee meetira miiliyoona 4 hannarraa baraaruun akka danda’ame eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.