Fana: At a Speed of Life!

Kataraa fi Ayyanni Cuuphaa wayita kabajaman balaawwan akka hinmudanneef hawaasni eggannoo akka taasisu gaafatame

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)- Hawaasni wayita Kataraa fi Ayyaana cuuphaa kabajutti balaawwan akka hinmudanneef eeggannoo barbaachisaa akka taasisuu Komishiniin Hoggansa Soda Balaa fi Ibiddaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Ogeessi Quunnamtii Ummataa Komishinichaa Nigaatuu Maammoo akka ibsanitti, wayita ayyaanaatti balaawwan mudataan keessaa balaan ibiddaa tokko jedhan.

Wayita ayyaanaatti elektirikii humnaa ol fayyadamuu, humni walbuusuu fi dungoon sababab balichaaf isaan adda duree ta’uu himan.

Komishinichi balaawwan mudachuu malan dursanii ittisuuf, wayita mudatan ammo hatattamaan deebii kennuuf qophii gahaa taasisuu beeksisaniiru.

Hordoftoonnis wayita ayyaanaatti dungoowwan qabsiifatuun balaan akka hinmudanneef eeggannoo barbaachisaa akka taasisan hubachiisaniiru.

Qophii eeggannoo duraa taasifameen alatti balaan tasaa yoo mudate Komishinichi deebii hatattamaa kennuuf qophii taasisuu ibsuu TOI gabaaseera.

Wayita balaan mudatuttis hawaasni tajaajila Ambulaansiif 939 yookaan 011-55-53-00 bilbiluun akka beeksisan ergaa dabarsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.