Fana: At a Speed of Life!

Karri mootummaa yeroo kamiiyyuu mariif banadhaa – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 11, 2017 (FMC) – Karri mootummaa yeroo kamiiyyuu mariif banaa ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsa miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummaataaf kennaniin ibsaniiru.

Nageenyi daran qaalii ta’uu kaasuun , mootummaa filannoo ummataan aangoo qabate karaa seeraan alaa aangorraa buusuuf yaaduun dogoggora ta’uu ibsan.

Itiyoophiyaatti aadaan siyaasaa akkanaa jijjiiramuu akka qabus dubbatanii, aadaan garaagartee jiru mariin furuu babal’achuu qabaa hubachiisan.

Itiyoophiyaatti qaamoleen hidhannoon socho’an harka caala uummatuma siifan qabsaa’a jedhan miidhaa, ajjeesaa fi ugguruun rakkisaa jiraachuun dogoggora seenaas ta’uu hubachiisan.

Mootummaan waggoottan torban darban keessa biyyoota ollaa kamiiniyyuu walitti bu’iinsa keessa seenuu dhabuun isaas nagaaf dursa kennuu isaaf ragaa ta’uu dubbatan.

Kunis waraana caalaa rakkoolee mariin furuun murteessaa ta’uu akka argisiisu himan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.