Fana: At a Speed of Life!

Karra hundatti Simannaan hirmaattota Irreechaaf ni taasifama-BATO

Finfinnee, Fulbaana 23, 2017 (FBC)- Hirmaattota Irreecha Hora Finfinnee fi Harsadeef karra hundatti simannaa taasisuuf qophiin xumuramuu Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa beeksise.

Haaluma kanaan Karrawwan Finfinnee, Karra Qaallu, Karraa Gafarsaa, Karra Qoree, Karraa Alloo fi Karra Qirxiitti simaannaan akka taasifamuu himameera.

Hoggantuun Biirichaa Aadde Jamiilaa Simbiruu miidiyaaleef kennaniin, Irreechi bara kana mata duree “Irreecha keenya Haaromsa Aadaa keenyaaf” jedhuun akka kabajamu eeran.

Sirna kabaja Irreechaarraatti caasaan nageenyaa uummata waliin ta’uun nageenya hirmaattotaa eeguuf hojjechaa jiraachuus dubbataniiru.

Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Bishooftuu waliin ta’uun karra hundatti hirmaattota irreechaaf simannaa ho’aan akka taasifamus himaniiru.

Dargaggoonni tola ooltonni qaamoolee nageenyaa waliin qindoomuun kabaja ayyaanichaa akka sirneessan himanii, sirnicharratti alaabaa Abbaa Gadaa irraa kan hafe mallattoolee ergaa siyaasaa calaqqisiisan kamu dhorkaa ta’uu dubbataniiru.

Irreechi ayyaana uummataa Sirna Gadaa jalatti hammatamu ta’ee ayyaana dhiifamaa fi araaraati jedhaniiru.

Hirmaattonnis ayyaanicharratti uffaataa Aadaa isaan fayyaamee akka hirmaatu dhaamaniiru.

Irreechi barana tokkummaa uummattoota kan cimsuu ilaalcha biyyaalessummaa kan dagaagsu ta’uu Aadde Jaamilaan dubbataniiru.

Irreechi Hora Finfinnee Sanbata Fulbaana 25, Horaa Harsadee ammoo Dilbata Fulbaana 26, 2017 kabajama.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.