Fana: At a Speed of Life!

Karoorri raawwii diinagdee gooroo kurmaana jalqabaa gamaaggamamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad bakka argamanitti gamaaggamni raawwii karooraa damee diinagdee gooroo kurmaana jalqabaa bara 2015 gaggeeffamaa jira.

Waltajjii gamaaggamichaarratti ministiroonni hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuma Asaffaa, gabaasaa raawwii kurmaanaa jalqabaa kan dhiyeessaniiru.

Gabaasichaanis kurmaanichaatti sharafni alaa %14 dabaluu eeran.

Daldalaa alaarraa galiin Doolaara miiliyoona 976 akka argamee fi kana keessaa Doolaarri miiliyoona 426 oomisha qonnaan akka argame ibsan.

Damee maanufaakchariingii fi albuudaa bara darbee yeroo walfakkaataan yoo walbira madaalamu hir’ina muraasa argisiisu ibsanii, daldalli alaa oomisha ililii fooyya’iinsa argisiisuu kaasaniiru.

Kontirobaandii fi daldalli seeraan alaan gufuulee dameechaa ta’uu eeranii fuulduratti gufuulee kanneen furuuf akka hojjetamuu ibsaniiru.

Oomishaalee Doolaara miiliyoona 67.2 ta’an oomisha biyya keessan bakka buusuun akka danda’ame gabaasichaan ibameera.

Kumaanichaatti galiin mootummaa %8.6 guddina argisiisuu ibsuun taaksii fi taaksii kan hintaanerraa galiin Birrii biiliyoona 1.93 argamuu ibsaniiru.

Galiin %51 gibira galiirraa kan argame ta’uu tuqaniiru.

Baatiiwwan sadeen darbanitti damee geejjibaa dabalatee damee tajaajilaan galiin Doolaara biiliyoona 1.2 akka argamee fi lammiilee kuma 420’f sadarkaa biyyaalessaatti carraan hojii dhaabbiin uumamuu eerameera.

jiraachuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.