Fana: At a Speed of Life!

Karoorri Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 2017, qophii gahaafi marii bal’dhaa booda kan qophaa’edha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC) – Karoorri Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 2017, qophii gahaafi marii bal’dhaa booda kan qophaa’e ta’uu Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Karoorri kun, inisheetivoota irratti amaloota laman kan ibsamuudha jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Tokkoffaa: Babal’dhisuu (Scaling)
Inisheetivoota haaraa hojiirra oolaniin oomisha sadarkaa jalqabaa (primary goods) oomishuun akkuma jirutti ta’ee, kanneen baroota darban hojiirra jiran dachaa hedduun babal’dhisee raawwachuu irratti xiyyeeffata.

Lammaffaa: Sona dabaluu (Value Addition)
Inisheetivoonni haaraan gara hojiitti galan ammoo sona (fi bu’aa) omishaalee inisheetivoota hojiirra jiranii dabaluu irratti kan xiyyeeffatu ta’a. Kana jechuun, inisheetivoonni indastirii godoo haaraa hojiitti galan, omishaalee inisheetivoota qonnaafi qonna magaalaa hojiirra jiraniif sona kan dabalan ta’a.

Waadaan keenya saffisa, baay’inaafi qulqullinaan karoora qabame xiyyeeffannoo olaanadhaan galmaan gahuudha. Bu’uuruma kanaan, hoggansi sadarkaan jiru, kallattii marii bal’dhaafi waliigalteen kaa’ame kana, caasaafi raawwataa qopheessun, harcaatii tokko malee, haala walfakkii qabuun hojiitti akka hiiku gamanumaa hubachiisuun barbaada jedhan

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.