Fana: At a Speed of Life!

Karoorri adeemsa baruu fi barsiisuu haala qabatamaa naannorratti kan hundaa’u ta’a –Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2013 (FBC) – Karoorri adeemsa baruu fi barsiisuu dabareen itti fufsiisuuf qabame haala qabatamaa naannorratti kan hundaa’u ta’uu Ministeera Barnootaa beeksise.
 
Hanqina barsiisootaa furuuf barsiisoota muuxxannoo qabanii fi haaraa eebbifaman itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an waamichi taasifameera.
 
Barsiisoonni waamichi godhameef tajaajila tola ooltummaa akka oolaniif malee qaxarrii raawwachuufii miti jedhan Ministir deettan Ministeera Barnootaa Dooktar Garramoo Hulluuqaa turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin.
 
Ebbifamtoonni Saayinsii Appilaayidii mala baruu fi barsisuu irratti leenjii gabaabaa kan fudhatan ta’a jedhan.
 
Eebbifamtoonni hojii barsiisummaan itti fufuuf fedhii qaban qaxarriin yeroo gaggeeffamu dursi ni laatamaaf jedhaniiru.
 
Barsiisoonni adeemsa baruu fi barsiisuu adda citee jiru itti fufsiisuuf ga’ee isaanii ba’uu akka qaban dhamameera.
 
Hanqina daree barnootaa furuuf giddugala leenjii qonnaan bulaa, waajjira gandaa fi dhaabbilee amantaa keessatti tajaajilichi akka laatamu kan taasiifamu ta’uu Dooktar Garramoon ibsaniiru.
 
Adeemsi baruu fi barsiisuu haala gaariin akka itti fufu maatii dabalatee qaamooleen dhimmi ilaallatu hundi ga’ee isaanii ba’uu akka qaban waamichi dhiyaateera.
 
Malaakuu Gadifitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.