Fana: At a Speed of Life!

Karoora qonnaa biyyattii milkeessuuf sochii bal’aan taasifamaa jira -MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 1, 2016 (FBC)- Karoora qonnaa biyyattii milkeessuuf sochii bal’aan taasifamaa jiraachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti qonni kilaastaaraa babala’achaa jira.

Ganna baranaa karoora qonnaa biyyatti milkeessuuf sochii bal’aan taasifamaa akka jiru eeranii, sochiin kunis cimuu akka qabu hubachiisan.

Barana lafa hektaara miiliyoona 24 misoomsuuf karoorri qabamuu himanii, karoora kana milkeessuuf Rooba faanaa dorgomuu qabna jedhan.

Mala ammayyaa’aa hordofuun barbaachisaa akka ta’e akeekuun, tattaaffiin kunis wabii nyaataan of danda’uuf carraaqqii taasifamu kan milkeessuudha jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.