Fana: At a Speed of Life!

Karoora damee caasaa humna elektirikaa Ityoophiyaa ilaalchisuun qaamolee dhimmi ilaalatu waliin mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC) – Karoora damee caasaa humna elektirikaa Ityoophiyaa ilaalchisuun qaamolee dhimmi ilaalatu waliin mariin gaggeeffamaa jira.
Maricha kan banana Ministirri Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa karoorri damee elektirikaa Ministeera Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii, Ministeera Maallaqaa akkasumaas Baankii Addunyaan raawwatamuu ibsaniiru.
Kaayyoo olaanaan karoora caasichaa, rakkoo dameen karoora elektirikii qabu furuun sharafa alaa fiduudha.
Waggaa tokko dura kan raawwatame caasaan damee elektirikii qorannoo idaa hir’isuu fi fooyya’insa bu’aa dabalatee hojiiwwan fooyya’insaa dame gurguddoo shan kan haammate ta’uu himaniiru.
Maricha irratti ministeera maallaqaa dabalatee qaamoleen dhimmi ilaallatu hirmaachaa jiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.