Fana: At a Speed of Life!

Karaan rakkoolee Afrikaa furuun danda’amu beekkumsa qofaani – Dooktar Abiy

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad rakkoolee Afrikaa furuun kan danda’amu beekkumsa qofaa ta’uu ibsan.
Akkaadaamiin hayyoota Hoggansa Afrikaa Rakkoo Ityoophiyaa fi Afrikaa furuuf kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.
Dooktar Abiy sagantaa eebba Akkaadaamii hoggansa Afrikaarratti haasaw taasiisaniin Afrikaan yeroo hunda yaada qaama biroo qofa eeggachuun isheen fakkeenya hiyyuummaa ta’aa turteerti jedhan.
Afrikaan giddugala beekkumsaa f Aadaa hedduu waan taateef kan gabbisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Akkaadaamiin hoggansa Afrikaa madda beekkumsa fi burqaa ijaarsa dandeettii ta’uu himaniiru.
Akkaadaamichatti hoggantoota mootummaa dabalataan, namoota biiznasii fi dippiloomaatootaaf leenjiin ni laatama jedhame.
Alaazar Taaddaleetu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.