Fana: At a Speed of Life!

Karaaleen qabxii qormaata kutaa 12ffaa ittiin ilaallatan ifooman

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC)- Karaaleen qabxii qormaata kutaa 12ffaa 2016 ittiin ilaallatan ifoomaniiru.

Qabxii qormaatichaa har’a Qaammee 4, 2016 halkan keessaa sa’aatii 6:00 irraa eegalee ilaalchuun akka danda’amuu Tajaajilli Qormaataa fi Madaallii Barnootaa beeksiseera.

Haaluma kanaan karaalee:

Poortaalii-https://result.eaes.et
Teelegiraam Boot-https://t.me/EAESbot
Ergaa gabaabaa(SMS)- 6284 irratti ‘R” dursuun lakkoofsaa galmee (Fakkeenyaaf R1234567) barreessanii erguun qabxii ofii beekuun akka danda’amu eerameera.

Dabalataan karaan Ergaa gabaabaa idilee Itiyoo teelekoom kaffaltii akka qabuu fi Teelegiraam Boot irratti waraqaa ragaa yeroo buusuu fi maxxansiisuun akka danda’muu tajaajilichi beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.