Fana: At a Speed of Life!

Karaa seeraan alaa daddabarfamaa kan turan rasaasni kilaash Kovii kumni 2 olii fi Shugguxiin 68 to’annaa jala oole

Finfinnee, Muddee 1, 2014 (FBC)-Poolisiin magaalaa Finfinnee fi Tajaajilli Odeeffannoo Biyyoolessaa hojii qinda’aa waloon hojjetaniin magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Kataamaatti rasaasni kilaash Koovii kumni 2 olii fi Shugguxiin 68 to’annaa jala ooluu poolisiin magaalichaa beeksiseera.

Meeshaaleen waraanaa kunneen qaama konkolaataa keessaa dhokfamuun karaa seeraan fe’amanii gara Finfinnee kan galaan ta’uu poolisiin ibseera.

Meeshaalee kunneen maagaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 10tti kan argamu giddugalaa gabaatti to’annaa jala ooluu ibsameera.

Meeshaaleen kunneen eeruu uummataatin to’atamaan jedhameera.

Konkolaachistoonni sadii to’annaa jala ooluun qorannoon taasifamaa jiraachuu ragaan poolisii magaalaa Finfinneerraa argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com

/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.