Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaan Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadir Juhaar ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Ebla 1, 2016 (FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar ayyaana Iid Alfaxiir kan bara Hijiraa 1445ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Baatiin Ramadaanaa darbe sirna Soomaa gaggeeffamutti dabalataan hojiilee eebbaa gaggeeffamaniin kan dabaalame ta’uu yaadachiisan.

Baatiin ramadaanaa baranaa soomaa amantii kiristiyaanaa waliin guyyaa walfakkaataarraa eegaluun, durirraa kaasee ‘Itiyoophiyaa xiqqittii’ hawaasa Dirree Dhawaa keessa jaalala turee fi duudhaalee waloomaa miidhagaan jiru daran ifee kan mul’ate ta’uu ibsan.

Guyyaa Ayyaana Iidaattis, tokkummaa, garaa laafina, walgargaaruu fi duudhaalee gaggaarii biroo baatii sooma ramadaanaa keessa raawwataman, jireenya guyyuu keenya keessatti itti fufsiisuuf guyyaa waadaa galuudha jedhan.

Ayyaanni Iidaas hordoftoota Amantii Islaamaaf kan jaalalaa, walgargaaruu fi waloomaa akka ta’uu hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.