Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaan Finfinnee Aadde Adanech Abeebee boqochuu Aartisti Alii Birraan gaddaa itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adanech Abeebee du’aan boqochuu Aartisti Alii Birraan gaddaa itti dhaga’amee ibsan.

Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, “Artistii jaalatamaa fi seenaa aartii Oromoo keessatti onnee ummataa keessa barootaaf mootomee kan ture boqachuu Doktara kabajaa Artisti Alii Birraatiin gadda cimaa natti dhagahame maqaa kiyyaa fi bulchiinsa magaalichaatiin ibsa” jedhan.

Kanaanis maatii, jaalattootaa fi dinqisiifattoota isaa akkasumas ummata Ityoophiyaatiif jajjabinan hawwaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dawaa Obbo Kdiir Juhaar gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Obbo Kadiir, Ityoophiyaan ogeessa Aartii guddaa du’aan dhabuu ibsan.

Seenaa muuziqaa biyyaattii keessatti weellistoota ashaaraa isaanii adda durumaan galmeessan keessaa tokko kan tahanii fi yoomiyuu kan hin dagatamne urjiin Dirree Dawaa Doktara Kabajaa Aartisti Alii Birraan hangafa ta’uu yaadachiisaniiru.

Boqochuu Alii Birraan gaddi natti dhagahame guddaadha jedhanii maatii isaa mara, jiraatoota Dirree Dhawaa, firoottan, dinqisiifatootaa fi lammiilee Itiyoophiyaa hundaaf jajjabinaan hawwaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.