Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaa Adaanech bakka buutota dhaabbilee Siiviilii hawaasaa magaalaa Finfinnee waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2016 (FBC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen bakka buutota dhaabbilee Siiviilii hawaasaa magaalichatti argaman waliin mari’ataniiru.
Mata duree ‘hirmaannaa qindaa’aa Waldaalee Siiviilii Badhaadhina Hundagaleessaaf’ jedhuun dhimmoota garaagaraarratti marii gaggeessuu Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Waldaaleen Siiviilii Sirna Diimookiraasii dagaagsuu fi haqa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu himaniiru.
Sosochii hunda galeessa magaalaa Finfinnee keessatti hirmaannaa isaanii cimsuu fi hariiroo fooyya’aa hordofuuf marii isaaniin waliigaluu dubbataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.