Fana: At a Speed of Life!

Kantibaan Magaalaa Finfinnee ,Pireezidaantoonni naannoo Gaambeellaa fi Hararii ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee, Pireezidaantoonni naannoo Gaambeellaa fi Hararii ayyaana bara haaraa 2016 sababeeffachuun erga baga geessanii dabarsaniiru.

Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen
bara 2015tti jiraattota magaalichaa hunda waliin karoorsaa fi mari’achaa gaaffileef deebii kennaa magaalaa magaalitti ol kaasuuf ciminaan kan hojjetan ta’uu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Barri haaraa 2016 simachuuf qophoofne bara abdii itti galaa godhannu, kaka’umsa haaraa milkeessuuf kan itti carraaqnu, kan hir’ate hunda akka hidha haaromsaatti kan itti guutnu,bara jijjiiramaa fi milkaa’inaa akka ta’uun hawwa jechuun ibsaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluun baga bara haaraa geessan jedhaniiru.

Naannichatti nageenya waareessuun misooma itti fufsiisuuf hojiilee hojjetaman cinaatti Piroojektoonni fayyadamummaa ummataa mirkaneessan xumuruuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Lammiilee sababa nageenyaan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an gurmeessuun hojii ijoo bara 2016 mootummaa naannichaa ta’uu dubbataniiru.

Pireezidaantiin naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriinis bara haaraa 2016tti hojiilee fayyadummaa ummataa guddisan hojjechuu cimsanii kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

Mootummaan naannichaa hojiilee misoomaa guddina diinagdee naannichaa saffisaan mirkaneessa irratti xiyyeefannoon kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.