Fana: At a Speed of Life!

Kanaadaan milkaa’ina marii biyyaalessaaf deeggarsa akka taasistu ibsite

Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaatti milkaa’ina hojiilee Koomishinii Marii Biyyaalessaaf deeggarsa barbaachisaa akka taasiftu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Kaanaadaa Jooshuwaa Taabaah ibsan.

Ministirri Ministeera Nageenyaa Binnaalfi Anduwaalam Itiyoophiyaatti Ambaasaddara Kaanaadaa Jooshuwaa Taabaah waliin dhimmoota gamlamee biyyootaarratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Ambaasaaddat Jooshuwaa Taabaah, Itiyoophiyaatti adeemsa ijaarsa nageenyaa fi damee sirna akeekkachiisaa duraa fi deebii kennuu walitti bu’iinsaarratti mootummaan Kaanaadaa deeggarsa ni taasisa jedhan.

Dabalataan milkaa’ina hojiilee Koomishinii Marii Biyyaalessaaf mootummaan isaanii deeggarsa barbaachisaa ni taasisa jechuu ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.