Fana: At a Speed of Life!

Kan qophoofnu waraanaaf osoo hin taane birmadummaa biyyaa fi nageenya waaressuufi – Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Caamsaa 9, 2016 (FBC) – Kan qophoofnu waraanaaf osoo hin taane birmadummaa biyyaa fi nageenya waaressuufi jedhan Itaamaajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Raayyaa Ittisaatti Indaastirii Injinariingii Motor Viiheekilsii fi Qajeelcha Suphaa daawwataniiru.

Qophummaa dhaabbatummaa yeroo hundaa mirkaneessuun humna filatamaa ijaarreerra jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Dhaabbanni Raayyaa Ittisaa aggaammii keessaa fi alaa qolachuun nageenyaa fi birmadummaa biyyaa mirkaneessaa damee Indaastiriinis of ijaaraa jijjiirama hunda galessaa fidaa jiraachuu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.