Fana: At a Speed of Life!

Kallacha Aartii Oromoo Aartist Alii Birraa du’aan dhabuun Gaddaa guddaadha-Afyaa’ii Caffee

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)- Utubaa, faajjii Fi Kallacha Aartii Oromoo Dooktara Kabajaa Aartisti Alii Birraa du’aan Dhabuun gaadda guddaadha jechuun Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan Ibsan.

Aadde Sa’aadaan du’aan boqochuu Artisti Alii Birraa ilaalchisuun gadda isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.

Doktarri Kabajaa Aartist Alii Birraa weelleewwan isaa akka urjii baay’ataniin sagalee isaa kiiloleefi yeedaloo mimmiidhagaan dhaloota bocee, barsiisee kan guddise, bu’uura aartii Oromoo, qajeelchaa seenaa fi raagaa qabsoo Oromooti jechuun ibsan.

Aartistiin gameessi seenaa Oromoo keessatti adda durummaan waamamu, sona aartii Oromootti lubbuu horee dhaloota har’aan kan gahe, weelluuwwan isaan dhaloota ijaaree kan guddise, seenaafi eenyummaa Oromoo daawitii jireenyaa fakkeessuun kan daawwachiiseedha jedhaniiru.

Gola hundaa keessa seenuun jiruu addunyaa kan hubachiise aartistii ulfaataa Oromoo irra darbee biyyaaf, darbees gaanfa Afriikaa irratti adda durummaan maqaa jabaa nama horate ta’uu yaadachiisan.

Doktorri Kabajaa Aartiist Alii Birraa har’a lubbuun darbus, hojii fi seenaan isaa nu waliin kan jiraatan, dhaloota boruufis godaambaa seenaa ta’uun kan tajaajiluu fi dhaloonni mul’ata isaa qabatee kan ittiin egeree isaa akeeku ta’u himaniiru.

Lubbuu aartistii qaalii kan jannataan haa qananiisu jedhanii, ummata Oromoo, Itiyoophiyaanotaa fi dinqisiifattoota, maatiifi firoottan isaaf jajjabinan hawwuu ragaan caffee oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.