Fana: At a Speed of Life!

Kalaqawwan teeknooloojii jalqabaa hojii uumuu fi qabeenya maddisiisuu danda’aniif eegumsi taasifamuu qaba- Dooktar Ballaxaa Mollaa

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Kalaqawwan teeknooloojii jalqabaa hojii uumuu fi qabeenya maddisiisuu danda’aniif eegumsi taasifamuu akka  qabu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii  Dooktar Ballaxaa Mollaa ibsan.

Waltajjiin ogeeyyii kalaqaa biyyaalessaa gaggeffameera.

Biyyoota akka Ityoophiyaa damee qabeenya maddisiisuu fi hojii uumuun hojii guddaan eeggatuuf guddinni egeree isaanii milkaa’aa akka ta’uuf hojiilee biiznasii jalqabaa fi kalaqawwan teeknooloojii carraa hojii uumuu danda’aniif eegumsi taasifamuu akka qabu Dooktar Ballaxaan waltajjichaan ibsaniiru.

Hojiileen teeknooloojii fi kalaqa giddugala godhatan guutummaa biyyattiitti bal’inaa fi itti fufiinsaan kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Baayisaa Badhaadhaan gamasaaniin, hojiin ministeerichaa inni ijoon yaadota kalaqaa fi Innooveeshinii jajjabeessuu akka ta’e ibsuu isaanii ragaan Ministericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.