Fana: At a Speed of Life!

Kaffaltoota gibiraa adda dureef sirni beekamtii fi badhaasa kennuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC)–Ministeerri Galiiwwanii marsaa 4ffaaf sadarkaa federaalaatti kaffaltoota gibiraa adda dureef sagantaa beekamtii fi badhaasa kennuu gaggeessaa jira.

Saganticharratti Pireezidaantii FDRI Saahilawarqi Zawudee fi Ministira Ministeera Galiiwwanii Ayinaalam Nugusee dabalatee hoggantoonnii fi qondaaltonni akkasumas hawaasni daldalaa, abbootiin amantaalee argamaniiru.

Sagantichaan kaffaltoota gibiraa sadarkaa federaalaa adda dureef beekamtii fi badhaasni kan kennamu ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Dhaabbilee fi kaffaltoota gibiraa adda dureef badhaasni sadarkaa Warqee, Pilaatiiniyamii fi Meetii kan kennamuuf ta’uun ibsameera.

Ministeerri galiiwwanii bara 2014tti galii Birri biiliyoona 336.7 walitti qabuu TOI gabaasa isaan yaadachiiseera.

Ministeerichi bara 2015ttis Birrii biiliyoona 450.29 walitti qabuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.