Fana: At a Speed of Life!

Kabajamuun guyyaa saboota, sablammootaa tokkummaa cimsuuf gumaacha qaba-Obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee, Sadaasa 29, 2016 (FBC)- Kabajamuun Guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummatootaa Itiyoophiyaa, aadaa fi duudhaalee ummata keenyaa beekuuf carraa uumuu qofa osoo hintaane, walitti dhiyeenyaa uumuun sabdaneessummaa fi tokkummaa cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahammad ibsan.

Pireezidantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad guyyaa Sabaa fi Sablammootaa 18ffaa Naannichaa Magalaa Jigjigaatti kabajamerratti ergaa dabarsaniin, lammiileen Itiyoophiyaa duudhaalee walitti nu dhiyeessan, waliin jireenyaa kan cimsan kan qabdu ta’uu ibsan.

Guyyichi waggaa waggaan kabajamuun duudhaalee waliin jireenyaa barootaaf ummatootaa gidduu turan daran cimsuun tokkummaa biyyaalessaa walqixummaa ummatootaarratti bu’uureffate akka cimu haala dandeessisuun kabajuu qabna jedhaniiru.

Guyyaan sabaa fi sablammootaa, aadaa fi duudhaa mata mataa isaanii kan qaban waggaa waggaan bakka tokkotti argamuun, calaqqee sabdaneessummaa fi miidhaginni heddumminaa Itiyoophiyaa waltajii irratti ifee mul’atu ta’uu dubbataniiru.

Kanaaf tokkummaa Itiyoophiyummaa cimsuuf gumaacha olaanaa akka qabu himaniiru.

Sadaasa 29 waggaa waggaan naanolee garaagaraatti dabareen akka kabajamu ta’uun duudhaalee, aadaalee Itiyoophiyaa biroo hinbeekamne beekuuf carraa bal’aa kan uumu ta’uun, sabaa fi sabalammoonni walbeekuun tokkummaa isaanii akka cimsan kan tumsuu ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.