Fana: At a Speed of Life!

Kabajaa fi dandeettii barsiisotaa guddisuuf hojjetamaa jira – Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Hagayya 11, 2016 (FBC) – Kabajaa fi dandeettii barsiisotaa guddisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsan.

Piroofesar Birhaanuun Barsiisoota sagantaa barnoota Gannaan Yuunivarsiitii Haramayaatti leenjii fudhataa jiran daawwataniiru.

Barsiisummaan ogummaa kabajaa fi guddina biyya tokkoof bu’uura ta’uu isaan kabaja guddaa kennuufiin murteessaa ta’uu himaniiru.

Dandeettii barsiisootaa guddisuu fi jireenya isaanii fooyyessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Kana hojiitti hiikuuf karoorri yeroo dheeraa fi gabaabaa bahee hojjetamaa jira jedhan.

Daballii mindaa dabalatee hojiileen Baankii barsiisootaa banuu hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.