Fana: At a Speed of Life!

Kabaja ayyaana Irreecha Hora Finfinnee sababeeffachuun hanqinni tajaajila Geejjibaa akka hin mudannee qophii ga’aan taasiifamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC) – Kabaja ayyaana Irreecha Hora Finfinnee sababeeffachuun hanqinni tajaajila Geejjibaa akka hin mudannee qophii ga’aan taasiifamuu Ministeerri Geejjibaa fi Loojastiksii beeksise.

Keessummoonni kabaja ayyaanichaaf gara Finfinnee dhufan rakkoo geejjibaa malee akka kabajan dhiyeessii geejjibaarratti qooda fudhattoota waliin qophii ga’aan taasiifamuu ibsameera.

Seensawwan Finfinnee shanan irratti Konkolaattoonni ga’aan ramadamuu ibseera.

Haaluma kanaan Karra Qaalluu, Gafarsaa, Alloo, Qoree fi Qirxiitti Awutoobisoonni magaalaa, Paabilik Sarvisiin, Taaksii fi Hayigar ga’aan ramadamuu ministeerichi ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.