Fana: At a Speed of Life!

Kaasaagiitaatti utubaalee sarara elektirikaa meeshaalee waraanaan rakutamuun kufan hojiin deebisaanii dhaabuu xumuramuu ibsame

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC) – Kaasaagiitaatti utubaaleen sarara elektirikaa meeshaalee waraanaan rakutamuun kufan hojiin deebisaanii dhaabuu xumuramuu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksiise.
Bu’uuraalee humna elektirikaa gareen shororkeessaa ABUT barbadeesse hojiin deebisanii ijaaruu hirmaannaa olaanaan hojjetamaa jiraachuu Humna Elektirikaa Ityoophiyaatti Itti gaafatamaan suphaa fi teeknikaa sarara daddabrsaa humna elektirikaa obbo Tasfaayee Mangistuun ibsaniiru.
Ogeeyyiin garee Suphaa kallattii sadiin saffisaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Sararri daddabarsa Humnaa Gaashaanaa, Kombolchaa fi Miillee ariitiin suphamaa jiraachuu kaasaniiru.
Sarara Kaasaagiitaa hanga Eliiwuhaa kiiloo meetira 20 irra miidhaa hammataan qaqqabuu isaan hojiin akka haaraatti diriirsuu hojjetamaa jiraachuu eerameera.
Magaaloonni naannoo Afaar yeroo dhiyootti tajaajila humna elektirikaa akka argataniif xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.