Fana: At a Speed of Life!

Kaartaa qabiyyee lafaa qopheessuuf qophiin eegalame

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC) – Inistiityuutiin Infoormeeshiinii  Ji’oospeeshaalii Ityoophiyaa fi Baankiin Lafaa fi Koorpooreeshiniin Misoomaa kaartaa qabiyyee lafaa waliin qopheessuuf  waliigalan.

Haala waliigaltichaan Inistiityuutiin Infoormeeshiinii  Ji’ooispeeshaalii Ityoophiyaa suuraa saatalaayitiin deeggaramee kaasuun hojii lafa adda baasuu kan hojjetu yoo ta’u, Baankiin Lafaa fi Koorpooreeshiniin Misoomaa ammoo ragaalee qindeessuun kaayyoo barbaaddamuuf akka oolu ni hojjeta jedhame.

Qabiyyee lafaa diijiitaalawaa taasisuun lafti hangamii akka jiru, maaliif akka tajaaajiluu danda’uu fi eessatti akka argamu hojiin odeeffannoo walitti qabuu ni hojjetama jedhame.

Qabeenyaa uummamaa lafarratti argamu adda baasuun misoomaaf qophii taasisuuf  kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

Waliigalteen hojii kun daayreektara olaanaa  Inistiityuutii Infoormeeshiinii  Ji’oospeeshaalii Ityoophiyaa Dooktar Tulluu Bashaa fi Hojii raawwachiiftuu olaantuu Baankii Lafaa fi Koorpooreeshinii Misoomaa aadde Leensaa Makkonniin gidduutti mallattaa’eera.

Waliigalteen kun qabeenya lafaatti mancaatii malee itti fayyadamuuf kan gargaaru ta’uu ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay ibsaniiru.

Hojiin kun jalqabaaf magaalaa Finfinneetti hojiirra kan oolu yoo ta’u, baatii 4-6 keessatti xumuruuf karoorfameera jedhame.

Kaartaan samiirraa ka’u kun suuraa qabiyyee lafaa qulqulluu fi qabatamaa ta’e kaasuuf shoora oolaanaa qabaachuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii FDRI irraa argame nu muul’isa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.