Fana: At a Speed of Life!

Kaariim Benzeemaan garee biyyaalessaa keessaa of baase

Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC)- Taphataan sarara fuulduraa Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Faransaay Kaariim Benzeemaan garecha keessaa of baasuu beeksise.

Mo’ataan badhaasaa Balloon Di Oor bara 2022 Kaariim Benzeema leenjisaa garee biyyaalessaa Faransaayiin garechaa keessatti hammatamus tapha waancaa addunyaa baranaarraa eegalee miidhaa irra ga’een taphicha keessaa ala ta’uun kan yaadatamuudha.

Taphatichi tooraa Tiwiitara isaan akka ibsetti, milkaa’ina isaaf akka dhuunfaatti tattaffii taasiseera.

“Seenaa ofii koo barreesseera” kan jedhe Benzeemaan “Waanti keenya jedhu xumurameera” jechuun garee biyyaalessaa keessa of baasuu ifoomseera.

Benzeemaan, kan umriin waggaa 35 garee biyyaalessaa keessaa of baasuu hordofees fuulduratti taphoota kilabaa isaa Riyaal Maadiriid irratti kan xiyyeeffatu ta’a jedhamuu Daily Mail gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.